Naannoo Harariitti guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Ummatoota Itoophiyaa 18ffaa kabajamaa jira

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Naannoo Harariitti guyyaan saboota, sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sagantaa adda addaan kabajama jira.

Naanichaatti guyyaan kun mata duree '' sabdaneesuummaa fi walqixummaa tokkummaa biyyaalessaaf '' jedhuun marii paanaalii fi sagantaa biroo adda addaan kabajamaa jira jedhameera.

Kabaja guyyaa kanarratti Pirezidaantiin naannoo Hararii fi Af-yaa'iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdulsalaam argamaniiru.

Dabalataan hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa biroo fi abbootiin amantaa, jarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa kabaja guyyaa kanarratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015