Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan

465

Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan.

Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru.

Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera.

Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera.

“Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni.

Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera.

Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015