Waloomasaanii cimsanii akka ittifufan hirmaattoonni ayyaana saba, sablammootaa fi ummattootaa magaalaa Jimmaa dubbatan

Sadaasa 20/2016 (TOI) –Waloomni fi tokkummaansaanii waliif yaadurratti hundaa’ee ture akka itti fufu qoodasaanii akka bahan hirmaattonni ayyaan saba, sablammootaa fi ummattootaa har’a magaalaa Jimmaatti kabajamerratti yaada kennan ibsan.

Ayyaanni kun magaalaa jimmaatti kan kabajame marii ummataa magaalaa mata duree “ sabdaneessummaa fi walqaixxummaa tokkummaa biyyaaaf” jedhuu qophaa’eeni.

Hirmaattota keessaa adde Immabeet Qaasiim yada kennaniin,hawaasni Jimmaa waloomaa fi jaalalaan walkabajee akka jiraatu dubbataniiru.

Kana gabbisuunwaliif yaaduun waloomnii fi tokkummaansaanii cimee akkaitti fufuqoodasaanii akka bahan ibsaniiru.

Obbo Tasfaayee Waldasanbat gamasaaniin, Jimmaan magaalaa nageenyaa, walii tumsaa fi jaalalaa ta’uushee kaasanii, fuulduras walkabajuunwaloomasaanii eegsisaniiakka ittifufsiisan dubbataniiru.

Waltajjicharratti kan argaman ittigaafatama waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Jimmaa obbo Lataa Ashabbir haasawa taasisaniin, Jimmaan magaalaa sabaa fi sablammoonni addaddaa waljaalalaan keessa jiraatanidha jedhan.

Dur bara mootii Abbaajifaarii kaasee jimmi sabaa fi sablammoonni walkabajanii kan jiraatan fakkeenya sabdaneessummaa ta’uushee eeraniiru.

Nuyi Itiyoophiyaanonni sabdaneessummaa afaanii, aadaa fi akkaataa jireenyaa fudhannee obbolummaa itti fufsiifnee duudhaa keenya nagaan jireenyaa gabbifachuu qabna jedhaniiru.

Jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa,miseensotaa ittisaa fi poolisii dabalatee kutaaleen hawaasaa  garagaraa kabaja ayyaanichaarratti argamaniiru.

Guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa sadarkaa biyyaalessaatti Sadaasa 29/2016 naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti akka kabajamu bekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015