Doktar Abiy Ahimad; Sheek Mahaammad Biin Zayiid bakka argisiisa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan

Sadaasa 20/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammaad Biin Zayiid Al Nahayaaniin bakka argisiisaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Hojii Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu bakka agarsiisaa COP28’tti argamanii daawwachuusaaniif obboleessa koo Sheek Mahaammad Bin Zayed Al Nahyaniin nan galateeffadha” jedhaniiru.

Itoophiyaan hojiilee ashaaraa magaariisaa ishee argisiisa yaa’ii COP28 irratti beeksisaa jiraachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015