Jiraattonni magaalaa Jimmaa deeggarsa hidha haaromsaa guddichaaf kan oolu boondii birrii miiliyoona 20 bitan

Sadaasa 19/2016 (TOI) - Jiraattonni magaalaa Jimmaa deeggarsa pirojektii hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa xumuruuf oolu guyyaa tokkotti boondii birrii miiliyoona 20 bitan.

Hawaasni magaalichaa  guyyaa har’aa magaalaa Jimmaa gandoota magaalichaa hundatti  ijaarsa hidha haaromsaa guddicha  Itiyoophiyaaf  duulaan boondii bitaa ooleera.

Qindeessaan gurgurtaa bittaa boondii hidha haaromsaa guddichaa magaalaa Jimmaa obbo Jihaad Huseen akka jedhanitti, marsaa kanatti jiraattota magaalichaarraa birrii miiliyoona 28 sassaabuuf karoorfamee har’a bittaan boondii birrii miiliyoona 20 raawwatameera.

Jiraataan magaalichaa ijaarsi hidha haaromsaa erga jalqabamee kaasee hirmaachaa akka jiru eeranii, ammas  boondii bitaa akka jiru ibsaniiru.

Fuulduras hidha haaromsaarratti akka hirmaatuu fi hojiin qindeessuu ittifufa jedhan.

Hirmaattota keessaa adde Lubaabaa Mahaammad wayita kana akka jedhanitti, amma ammaatti hirmaachaa turaniiru.

Har’as birrii kuma tokkon boondii akka bitanii fi ammas tumsuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru.

"Hidhi haaromsaa guddichi  xumuramee kaayyoo barbaadameef akka oolu hundi keenya  tumsaan hojjechuu qabna” jedhaniiru.

Dargaggoo Izaddiin Abaadir “akka dargaggeessa tokkootti ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf qooda koo bahuuf boondii birrii kuma 5 biteera” Jedhe.

"Nuyi dargaggoonni ijaarsa hidha haaromsaa guddinaa fi misooma biyyaaf gumaacha olaanaa qabuuf adda durummaan hirmaachuu qabna” jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015