Pirezidaant Saahilawarq Zawudee waltajjii miidhaa saalaa irratti mari’aturratti hirmaachuuf Afriikaa Kibbaa dhaqan

Sadaasa 18/2016 (TOI) - Pirezidaant Saahilawarq Zawudee waltajjii miidhaa saalaa dudartootaa fu shamarreenirra gahu irratti mari’aturratti hirmaachuuf Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaa dhaqaniiru.

Pirezidaant Saahilawarq Piriitooriyaa wayita gahan Afriikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa doktar Muktaar Kadiir simataniiru.

Yaa’ichi kaleessa kan jalqabe yemmuu ta’u, har’as kan itti fufu ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii Afriikaa Kibbaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa doktar Muktaar Kadiir irraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015