Godina Arsiitti midhaan sassaabamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 5 argameera

Sadaasa 16/ 2016 (TOI)- Godina Arsiitti midhaan lafa heektaara kuma 369 irraa sassaabamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 5 argamuusaa qajeelchi qonnaa godinichaa beeksise.

Itti aanaan ittigaafatamaa qajeelcha qonnaa godina Arsii Ibraahiim Kaasoo TOI;f akka ibsanitti, bara oomisha kanaatti lafti heektaara kuma 767 midhaan addaddaa facaafameera.

Kana keessaa qamadiin lafa heektaara kuma 397 irra faca’uu eeranii, midhaan sassaabbiif gahe sassaabamuusaanii ibsaniiru.

Amma ammaatti midhaan lafa heektaara kuma 269 irra ture sassaabamee oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 5 argamuusaa obbo Ibraahiim dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni kombaayinaraan daddafanii sassaabuun midhaan akkka hinqisaasamne gochuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015