Guyyoota kurnan itti aanan roobni qonnaa yeroo gannaaf mijataa ta'ee ni rooba

Fulbaana 11/2016(TOI) - Guyyoota kurnan dhufan bakkeewwaan rooba yeroo hannaa fayyadamoo ta'anitti irra caalaan roobni kan roobu ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti roobni bakkeewwaan eerame kanatti roobu oomisha qonnaa waqtii gannaaf mijataa kan ta'edha jedheera.

Keessattuu naannawwa bahaa fi kaaba bahaa biyyatti walakkeessa gannaarra eegalee hanqinni rooba tureetti roobni kan roobu ta'uu ibseera.

Roobni bakkeewwan kanneenitti roobu mala bishaan kuusuu adda addaa fayyadamuun qonnaaf akka ooluu kuusuun barbaachisaa ta'uu Inistiitiyutichi akeekeera.

Gama biraatiin kallattii Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti uwwisni duumessaa dabalaa dhufuun walqabatee jiidhinni uumamuu danda’u naannawwaa horsiisee bultootaafi gariin horsiise bultootaatti roobni akka roobu haala kan mijeessuu ta'uu ibsa isaan eereera.

Kana malees, raagni qilleessaa akka agarsiisutti, bakkeewwaan yaa'awwan Kaabaa, Kaaba lixaa, Lixaafi Baha Giddugaleessaatti jiidhinsi fooyya’aan ni jiraata.

Haa ta’u malee, rooba cimaan bakka tokko tokkotti roobuu danda'uun qarqara galaanaa fi naannoo lolaadhaaf saaxilamoo ta'anitti signi lafaa mudachuu waan danda'uuf qaamonni dhimmi ilaallatu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan inistiitiyutichi dhaamera.

Hidhawwan akka Qoqaa,  Yaa'a laga Awaash, Xaanaa Baalesiifi Fincaa'aa, bishaan isaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf hordoffiin barbaachisaan akka taasifamu tilmaamni kun ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015