Harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera

Fulbaana 7/2016 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad harki jabaan Itoophiyaanootaa cichoominaan seenaa hojjechuu itti fufeera jedhan.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa yeroo gannaa har'a kan xumurame yoo ta'u Dr. sagantaa kanaan karooraa ol biqiltuu biiliyoona 7.5 dhaabneera jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin uummanni keenya ciminaafi cichoominaan hojii hojjeteef mootummaan baay'ee kabaja jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015