Yaa’iin idilee ministiroota naannawaa Afriikaa 19ffaa jalqabame

Hagayya 08/2015 (TOI) - Yaa’iin idilee ministiroota naannawaa Afriikaa 19ffaa har’a Finfinneetti jalqabame.jalqabame.

Yaa’iin kun mata duree “rakkoolee naannawaa Afriikaa furuuf carraaleetti fayyadamuu, tumsa jabeessuu” jedhuun adeemsifamaa jira.

De’eetaan ministiraa pilaanii fi misoomaa obbo Saandokaan Dabbabaa, biyyoonni Afriikaa garagaraa, hooggantoonnii fi bakka bu’oonni eegumsa naannoo dhaabbilee idil addunyaa fi ogeeyyonni quuqamtoota naannawaa damee kanaa baniinsa yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Gabaasota dhiibbaan jijjiiramni haala qilleensaa namootarraan gahu ilaalchisuun dhihaatan, rakkoolee mudataa jiranii fi kallattii furmaataarratti mariin akka taasifamu ibsameera.

Yaa’iin kun amma Hagayya 12/2015tti akka turu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015