Itiyoophiyaanonni seenaa magariisaa hojjetaniiru-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Adoolessa 11/2015 (TOI) Waamicha biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun riikordii ofiikeenyaa akka fooyyessinu taasifame fudhattanii kan baatan hundi keessan galata qabdu, seenaa magariisaa hojjettaniitu, seenaa magariisaa barreessitaniittu jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin, “qlleensa faalame, lafa duwwaa dhalootaaf hindhaallu jettanii, bariibarraaqa gaara fi sulula, dirreetti baatanii  biqiltuu miiliyoona 566 dhaabdaniittu. Riikoordii ofii keessanii fooyyessitaniittu” jedhaniiru.

Naannolee, godinaalee fi aanaalee hundatti biqiltuun dhaabameera, iddoowwan addaddaa kuma 9 ol qophaa’anii akka ture ibsanii, ogeeyyonni miidiyaa kuma 3 fi 600 ol guutuu biyyattiitti bobba’anii akka ture eeraniiru.

Qabannaan raga karaa ammayyaa’aa akka ta’u ogeeyyonni Teelee fi qonnaa hojjechuusaanii ministirri muummee ibsanii, taaksiiwwan Finfinnee kanneen biqiltuu dhaabaniif tajaajila tolaa kennuusaanii dubbataniiru.

Daa’imman, haadholiin, abbootiin, qaama miidhamtoonni, abbootiin amantaa bal’inaan bahanii biqiltuu dhaabuusaanii ibsanii, Itiyoophiyaanonni seenaa magariisaa  hojjetaniiru jedhan.

“Itiyoophiyaanonni yoo gamtoomne riikoordiin nuti hinfooyyessine hinjiru” jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015