Jilli itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfame Saa’udii Arabiyaa Riyaad dhaqe

Waxabajjii 01/2015 (TOI)- Jilli itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniniin durfame Saa’udii Arabiyaa Riyaad dhaqeera.

Miseensonnigaree jila kanaa yaa’ii ministirootaa qindaa’aa idil addunyaa garee shororkeessaa Ayi Essi Essi waraanuuf dhaabate kan Saa’udiitti adeemsifamurratti hirmaachuufi kan Riyaad dhaqan.

Jilli kun buufata Xayyaaraa Kiing Kaaliid wayita gahu ministirri dhimma alaa Saa’udii Arabiyaa, Saa’udii Arabiyaatti ambaasaaddarri RFDI Leencoo Baatii fi hojjettoonni embaasichaa simachuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015