Alshabaab haleellaan naannawa daangaa Itiyoo-Somaaleetti raawwachuuf ture fashalaa’e

442

Caamsaa 30/2015(TOI)- Alshabaab haleellaan naannawa daangaa Itiyoo-Somaaleetti raawwachuuf ture fashalaa’uusaa ministeerri dhimma alaa beeksise.

Gareen shororkeessaa Alshabaab guyyaa har’aa(Caamsaa 30 bara 2015) daangaa Itiyoo-Somaalee naannawa Doollootti gochi shororkeessaa raawwachuuf ture fashalaa’eera.

Gareen kun gare balleessee badu bobbaasuun yaaliin naannawa kanatti miidhaa geessisuuf taasise raayyaan ittisaa federaalaa fashaleesseera.

Miseensonni garee shororkeessaa meeshaa hidhatanii dhufan wliin galaafatamuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015