Komishinichi dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan furuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira

338

Caamsaa 21/2015 (TOI)- Komishiniin marii biyyoolessaa dhimmoota garaa garummaa lammilee gidduutti uuman mariidhaan hiikuun tokkummaa fi nageenya biyyaalessaaf hojjechaa akka jiru Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfiin araayaa himan.

Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa walitti dhufan waliin magaalaa Boongaatti mari'achaa jira.

Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfiin Araayaa akka biyyaatti waliigaltee uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Komishinichi dhimmoota garaagarummaa lammilee gidduutti uuman irratti mari’achuun rakkooleen jiran karaa itti hiikkatan irratti xiyyeeffachuun tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa fiduuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

"Waan hunda caalaa nageenya nu barbaachisa" kan jedhan komishinarchi, yeroo nageenyi jiru hariiroon waliin jirenyaafi waljijjiirraa aadaa dabalatee bu'aawwaan misoomaa biroo ni jiraatu jedhaniiru.

Walhubannoon tokko tokkoonii hawaasa keessatti wal kabajuu waan fiduuf gama kanaan hirmaattonni marii kanaa, naannawwaa tokkoon tokkoon isaaniitti bakka bu’uun gahee olaanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru.

Komishiinichi waggaa 1 fi ji’oota 4 darban keessatti yaad-rimee komishinichaa irratti mariyachuun cinaatii, aadaa naannoo fi haalota jiraan qorachuu akkasuma hojiiwwan qophii biroo hojjechaa turuu himaniiru.

Mariin kun caasaa gadii irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uun dhimmoota wal-hubannoo dogoggoraa ummata gidduutti uuman adda baasuuf akka ta’u hubachiisaniiru.

Itoophiyaa biyya lammileen ishee hunduu wal qixa bakka bu’ummaa qabaniifi walqixa fayyadamtoota ta’an taasisuuf waltajjiin marii kun ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Waltajjii marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana irratti komishinichi ajandaa walitti qabamuu fi filannoo miseensota hawaasaa marii kana irratti hirmaatan irratti ni mari'ata jedhameera.

Waltajjii marii magaalaa Boongaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti miseensonni ummataa aanaalee fi bulchiinsa magaalota naannichaa hunda irraa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015