Jijjigaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf bahame.

Caamsaa 20/2015 (TOI)፦ Naannoo Somaale magaalaa Jijjigaafi naannawwaa isheetti hawaasni walitti babahe deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaf  hiriira baheera.
 
Hiriiricharratti kanneen hirmaatan maqa balleessiin Raayyaa Ittisa Biyyaarratti geggeeffamu haa dhaabatu, Finxaaleeyyiin gochaa maqa balleessii kana raawwatan seeraan haa gaafataman, Finxaaleyyiin daldaltoota siyaasaati malee saba kamiyyuu bakka hin bu'an dhaadannoo jedhu qabatanii bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015