Akkaataa waliigaltee nageenyaa piriitooriyaatiin raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa meeshaalee garee hidhattoota ABUT harkaa fudhate

280

Caamsaa 18 /2015 (TOI)- Akkaataa waliigaltee nageenyaa piriitooriyaatiin raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa meeshaalee garee humnoota hidhattootaa ABUT harkaa fudhate.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin Kanaan dura meeshaalee gurguddaa walharkaa fuudhinsi taasifamuunsaa kan yaadatamu yemmuu ta’u, walharkaa fuudhinsi taasifame ibsamuunsaa niyaadatama.

Walharkaa fuudhinsi har’a taasifame kun qaama hojii kanaa ta’uun eerameera.

Walharkaa fuudhiinsi kun maqaleetti dhihoo kan argamu bakka laaccii jedhamutti kan taasifame yemmuu ta’u, taajjabdoonni gamtaa Afriikaa sirna walharkaa fuudhiinsa kanarratti argamaniiru.

Bakka bu’aan raayyaa ittisa biyyaa Birgaadar Jeneraal Darribee Makuriyaa akka ibsanitti walharkaa fuudhiinsi meeshaa kun qaama waliigaltee nageenyaa keessaa isa tokkodha.

Wayita kanatti meeshaalee waraanaa garee,jiddugaleesaa jedhaman fudhachuusaanii ibsaniiru.

Bakka bu’aan humnoota hidhattootaa ABUT Birgaadar Jeneraal Migbaay Hayilee  gamasaaniin walharkaa fuudhiinsi meeshaalee garee kun akkaataa waliigaltee taasifameen raawwatamuusaa ibsanii, hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaaf waan irraa eegamu gochaa akka jiran dubbataniiru.

Nageenyi galmasaanii kan jalqabaas kan xumuraas ta’uusaa eeraniiru.

Taajjabaan gamtaa Afriikaa fi miseensi koree walharkaa fuudhiinsaa Birgaadar Jeneraal Teefoo Sokkoollee walharkaa fuudhiinsi kun haala gaariin raawwatamaa kan agarsiisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015