Sagantaa Ashaaraa Magarriisaa Baranaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 tuqaa 5 Dhaabuuf Qophiin Taasifamaa Jira-Ministira muummee Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Ashaaraa Magarriisaa Baranaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 tuqaa 5 Dhaabuuf Qophiin Taasifamaa Jira-Ministira muummee Abiyyi Ahimad

Caamsaa 15/2015(TOI)- Sagantaa Ashaaraa Magarriisaa Baranaatiin Biqiltuu Biiliyoona 6 tuqaa 5 Dhaabuuf Qophiin Taasifamaa Akka Jiru Ministira muummee Abiyyi Ahimad Ibsan.
Sagantaa waggaa shanaffaaf gaggeeffamaa jiru Kanaan sanyiiwwan biqiltuu kuduraa baay’inaan akka dhaabaman ministirri muummee Abiyyi Ahimad odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin ibsaniiru.
Waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabamuunsaanii niyaadatama.