Naannoon Oromiyaa mana barnootaa magaalaa Jijjigaatti ijaarsise eebbisuufi.

Bitootessa 19/2015(TOI) - Naannoon Oromiyaa mana barnootaa magaalaa Jijjigaatti ijaarsise eebbisiisuuf akka jiru himame.

Sirna eebba mana barnootaa kanarratti argamuuf Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa Jijjigaa jiru.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Somaalee obbo Farahaan Jibiriil akka himanitti, Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaafi hoggantoonni naannichaa biroon buufata xiyyaaraa Garaad Wilwaal yoo gahan pirezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Muhaamad simannaa taasisaniifiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015