Walitti bu’iinsota Itiyoophiyaa keessatti mul’atan qolachuun nageenya waaraa buusuuf waliin hojjechuun nibarbaachisa-Ministira muummee Abiyyi Ahimad

Bitootessa 19/2015 (TOI) -  Itiyoophiyaa keessatti walitti bu’iinsota iddoowwan addaddaatti mul’atan qolachuun nageenya waaraa buusuuf waliin hojjechuun akka barbaachisu ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan.

 Gaaffiiwwan miseensonni mana maree  6ffaa bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 11ffaa bara hojii waggaa lammaffaa kaasaniif ministirri muummee abiyyi Ahimad deebii kennaniiru.

Haala Kanaan sochii hidhataan Shanee Naannawa Wallagga Lixaatti taasisu nagana hiikuuf mootummaan maal hojjechaa akka jiru gaaffiin dhihaateera.

Ministirri muummee deebii kennaniin waggoota shaman darba Wallagga Lixaatti nagana dhabamuusaatiin hojii misoomaarratti gufuu ta’uurra darbee du’a namaaf, buqqa’uu fi godaanuuf sababa ta’uu eeraniiru.

 Nageenya ture bakkatti deebisuuf mootummaan fedhii olaanaa akka qabu ibsanii, kanaafis koree nageenyaa hundeessuun hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Rakkoo kana hiikuuf baatiiwwan lamaan darban gama mootummaatiin yaaliiwwan al 10 taasifamanis humnoonni hidhattootaa naannawa kanatti socho’an bittinnaa’uun  waan ta’eef adeemsa kanarratti rakkoo akka ta’e eeraniiru.

"Humni nageenya jibbu hinjiru” kan jedhan ministirri muummee, milkaa’inasaaf jabaannee nihojjenna jechuun ejjennoo mootummaa ifa taasisaniiru.

Haata’u malee yaalii nageenyaaf taasifamu cinaatti humnoonni nageenyaa mootummaa naannawa kanatti nagaa buusuuf hojjechaa jiru jedhaniiru.

"Wlajjeessuun eenyuyyuu hinfayyadu” kan jedhan ministirri muummee Abiyyi Ahimad, raakkoo jiru nagana hiikuun faayidaa qaba jedhaniiru.

Adeemsa nageenyaa ilaalchisuun bu’aasaa walumaan argina jechuun dubbataniiru.

Waraanni Kaaba Itiyoophiyaatti ture dhaabachuunsaa tarkaanfii tokko fuulduratti nudeemsiseera, haata’u malee nageenya guutuu bira gahuuf hojiiwwan hedduun nu eeggatu jechuun ibsaniiru.

Walitti bu’iinsonni guddina biyyattii boodatti harkisaa waan jiraniif nageenyi akka bu’u waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015