Mootummaan humna kam waliinuu mariyatee rakkoo jiru karaa nagaa furuuf murannoo guddaa qaba

215

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad mootummaan humna kamiinuu waliin mariyatee rakkoo jiru karaa nagaa hiikuuf kutannoo qaba jedhan.

Walgahiin idilee 11ffaa mana maree bakka bu'oota Uummataa bakka Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad gabaasa ji’a jahaa bara baajataa 2015 ilaalchisee gaaffilee miseensonni mana marichaa dhiheessaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Shanee ilaalchisuun gaaffii miseensoota mana marichaarraa dhihaateef yeroo deebisaan kanaan dura Shanee waliin mariin yeroo kudhan taasifamuu himaniiru.

Waamichi nageenyaa mootummaan naannoo Oromiyaa dhiheessee ture ka'umsi isaa kan mootummaa Oromiyaarra jalqabe osoo hin taane akka Paartiitti irratti mariyatamee kan murtaa'ef itti fufnsa jirudha jedhaniiru.

Ta'uus garuu gareen kun humna tokkoon kan hogganamu waan hin taaneef maree nageenyaa kana irratti rakkoo uumuu himaniiru.

Ammas mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf kutannoo akka qabu Ministirri Muummee Abiy Ahimad ibsuun, cinaatti immoo humnoonni nageenyaa lubbuun namootaa dabalataa akka hin badneef ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

"Mootummaan humna kamiinuu waliin marii fi marii qofaan rakkoo furuu barbaada" jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015