Mootummaan Itoophiyaa cimsuuf dhaabbilee seera kabachiisan ijaareera

143

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad akka jedhanitti, mootummaan Itoophiyaa cimsuuf dhaabbilee seera kabachiisan cimaa kan yeroo kamiiyyuu caala ijaareera.

Mootummaan biyyattii kufaatii irraa baraaruuf waan hedduu hojjeteera, kana booda "biyyi ni diigamti jennee sodaa hin qabnu" jedhaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad hojiiwwan dimokiraasii ijaaruuf hojjetamaa akka jiran ibsuun, rakkoon jiraatus tattaaffii kana gargaaruun sirrii ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015