Yaa'iin idilee 11ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa bakka Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin idilee 11ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa bakka Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira

Bitootessa19/2015 (TOI) :- Yaa'iin idilee 11ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad argamanitti geggeeffama jira.
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa gaaffilee yeroo adda addaa fi biyyaalessaa Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiif dhiyeessaa jiru.
Gaaffilee miseensi mana maree kaasan keessaa kanneen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsa gaarii, tajaajila fayyaa, fi qulqullina barnootaa waliin walqabatan ni argamu.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad dhimmoota ijoo mootummaan isaanii ji'oota jahan darbanitti hojjeteefi gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota uummataa ka'aniif deebii kennaa jiru.