IGAD Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasise.

196

Bitootessa 16/2015(TOI) - IGAD naannoo Oromiyaatti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa maallaqaa birrii miliyoona 4.2 taasisa.

Barreessaan olaanaa IGAD Doktar Warqenaa Gabayyoo deeggarsa kana pirezidaantii naannichaa obbo Shimallis Abdiisaatti dabarsanii kennaniiru.

Sababa jijjirama qillensaan hongeen Somaaliyaa, Keeniyaa fi Itoophiyaatti uumamuu ibsaniiru.

Dhaabbatichis bakkeewwan hongeen lammileen miidhaman kanatti deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru.

Mootummaan federaalaa rakkoo uumame kanaaf deebii kennuuf mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta'uun hojjechaa jira jedhaniiru.

Barreessaan olaanaa IGAD balaa gogiinsa mudateef deebii kennuuf deeggarsa mootummaan  Itoophiyaa taasisaa jiran  dinqisiifatanii, IGAD namoota hongee kanaan miidhaman deeggaruu kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin deeggarsa IGAD lammilee miidhamaniif taasisan galateeffataniiru.

Rakkoo kana karaa itti fufiinsa qabuun furuuf IGAD deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun ummata hongee kanaan miidhameef deeggarsa maallaqaafi meeshaa taasisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015