Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse - ENA Afaan Oromoo
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse

Bitootessa 16/2015 (TOI) - Inistiitiyuutiin Toonii Bileer Deeggarsa Hojiirra Oolmaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaaf Taasisu Akka Itti Fufu Ibse
Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dura taa’aa olaanaa Inistiitiyuutii Toonii Bileer Sre Toonii Bileer waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.
Mariin kun gamtoomina dhaabbilee lamaan jidduu jiruu fi dhimmoota fuuladura hojjechuuf karoorfame irratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon fuula marsariitii ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa.
Inistiitiyuutiin Toonii Bileer tarsiimoo Itiyoophiyaa dijitaalaa2025(Tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa) yeroo qophiirraa kaasee amma raawwachiisuutti teekniikaan(ogeessa), hojiirra oolmaa I-sarviisii qorachuun, dandeettii raawwachiisummaa akkasumas deeggarsa gurmaa’insaa fi adeemsa hojii fooyyessuuf dandeessisutaasisaa turuun ibsameera.
Inistiitiyuutichi bu’ura misoomaa dijitaalaa ilaalchisuun jiddugaleessa deetaa, qaqqabiinsa Intarneetiin, kilaawudii fi teeknooloojiiwwan haaraarratti deeggarsa fuuladuraaf taasisurratti mariin taasifamuu beekameera.
Gama biraatiin daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa obbo Yoodaahee zemikaa’el Ser Toonii Bileeriif waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Daarektarichi deeggarsa tajaajilasaaf kennuu fi rakkoowwan misooma bu’uraan walqabatan irrattis ibsa taasisaniiru.
Abbaa umurii waggaa 69 ministirri muummee Ingiliz duraanii Toonii Bileer akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1997 amma 2007tti ministira muummee ta’uun tajaajilaniiru.