Bara Kana Buna Toonii 700 ol Gabaa Jiddugaleessaaf Dhiheessuuf Hojjechaan Jira- Biiroo Qonnaa Oromiyaa

165

Bitootessa 14/2015 (TOI) - Bara Kana Buna Toonii 700 ol Gabaa Jiddugaleessaaf Dhiheessuuf Hojjechaa Akka Jiru  Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Biiroo qonnaa Oromiyaatti Itti aanaa ittigaafatamaan damee kuduraa fi muduraa obbo Muhaammadsaanii Amiin TOItti akka himanitti, naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa bunaa dachaan dabaluuf hojjetamaa jira.

Amma ammaatti bunni kuntaalli miiliyoona 10 tuqaa 3 sassaabamuusaa dubbatanii, bara oomishaa 2014/15 argachuuf kan karoorfame keessaa dhibbantaa 99 milkeesuun akka danda’ame dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015