Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Akka Taasifamuuf Gaafatan

619

Bitootessa 13/2015 (TOI) - Waldaan Dargaggoota Hojii Uumtotaa Itiyoophiyaa Dargaggoota Hojii Uumaniif Deeggarsi Maallaqaa Imaammatarratti Hundaa’e Akka Taasifamu Gaaffii Dhiheesse.

Imaammanni dargaggoota hojii uumtota yaada haaraa qabatanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii ibseera.

Waldaan dargaggoota hojii uumtotaa Itiyoophiyaa ministeera Innoveshinii fi Teeknooloojii waliin ta’yuun waltajjii maree walitti hidhiinsaa fi advookeesii imaammataa “Zalala” jedhamu adeemsiseera.

Pirezidaantiin waldichaa Saamiyaa Abdulqaadir, namoonni kalaqaa hedduun deeggarsa kanneen akka faayinaansii dhabuusaaniitiin waan yaadan milkeessuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Rakkoo kana furuuf sirna faayinaansii keessa galchuun dargaggoota kalaqxootaaf gargaarsa maallaqaa Imaammataan deeggarame gochuu barbaachisa jedhaniiru.

Haala walqabateen waldichi rakkoolee gama kanaan mul’atanirratti hojjechuu fi furmaata barbaaduuf yaalii taasisaa turuusaa beeksisaniiru.

Haala Kanaan miseensota kuma 1 ol walittiqabuun dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa 17 ol waliin walitti hidhiinsi akka uumamuuf taasisuusaanii Pirezidaantiin kun eeraniiru.

Kalaqxoonni TOI’n dubbise yaada kennaniin deeggarsi faayinaansii fi leenjii karaa mootummaa osoo guutameefii hojii biyya fayyadu hojjechuu akka danda’an dubbataniiru.

Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti hooggantuun misooma staartaappii  inniveeshinii Salaamyihun Adafris gamasaaniin, imaammanni faayinaansii namoota yaada kalaqaa qaban deeggaru dhabamuunsaa rakkoo ta’ee turuusaa ibsaniiru.

Kanaaf rakkoo kana egereef hiikuuf imaammanni dargaggoota hojii kalaqaa haaraa fidanii dhufan jajjabeessu qophaa’aa akka jiru eeranii, yeroo dhihootti hojiirra akka oolu dubbataniiru.

Hooggantoonni ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii, Hooggantoonnii fi ogeessonni Baankii, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa  maree advookeesii imaammataa kanarratti hirmaataniiru.

Mariin baatii tokkotti altokko adeemsifamu kun dargaggoonni gama teeknooloojiin gahumsa kalaqaa qaban mootummaa fi mitmootummaarraa deeggarsa faayinaansii fi leenjii argatanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015