Engiliiz Milkaa’inaa Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Nagaa Piriitooriyaaf  Deeggarsa Barbaachisu Akka Gootu Ibsameera

181

Bitootessa 13/2015(TOI) – Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ministira minsoomaa Ingilizii fi dhimmoota Afriikaa Andriiwu Miisheel waajjirasaaniitti simatanii dubbisan.

Itiyoophiyaa fi Ingiliz gamtoomina misoomaatiin michooma waggaa dheeraa akka qaban kan yaadachiisan Obbo Dammaqaan hariiroo kana cimsuuf cimanii hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa kan taasisan yemmuu ta’u, adeemsi waliigaltichaa amma ammaatti jiru nageenya buusuuf abdiiqabeessa akka ta’e dubbataniiru.

Qaamolee walitti bu’iinsichaan yakka raawwataniiru jedhamanii shakkaman gaafatamaa taasisuuf dirni haqa cehumsaa diriirfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Deeggarsa namoomaa Ingiliz Itiyoophiyaaf taasisaa jirtuuf obbo Dammaqaan galateeffatanii, kojiin kun wayita ammaa lammiilee waraanaa fi ongeen miidhamaniif deeggaruudhaan cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ingilizitti miseensi paarlaamaa  kan ta’an fi ministirri misoomaa biyyattii fi dhimmoota Afriikaa Andriiwu Miisheel gamasaaniin, Itiyoophiyaatti nageenya buusuuf tarkaanfii mootummaan fudhatee fi kutannoo jiru biyyisaanii akka dinqisiiffattu ibsanii, Ingiliiz milkaa’in kanaaf deeggarsa barbaachisu akka gootu mirkaneessaniiru.

Ongee fi dhimmoota biroon walqabatee qormaata Itiyoophiyaa mudate Ingiliiz akka hubattu ministirichi ibsanii, dhaabbilee gargaarsaa fi kanneen biroo waliin ta’uun deeggarsi kanaaf oolu akka taasifamu ibsaniiru.

Kana malees Itiyoophiyaa fi Ingiliiz dameelee waloo fi kanneen birootiin dhimmoota hariiroosaanii cimsanirratti marii taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015