Soomni Ramadaanaa Kamisa dhufu ni eegala

Bitootessa 12/2015 (TOI) :- Soomni Ramadaanaa bara hijiraa 1444 kamisa dhufu akka eegalu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.

Soomanni kun kamisa kan jalqabuuf jiini har'a(kibxata) kana waan hin mul'anneef ta'uu beeksiseera.

Pireezidaantiin Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa soomni kun hawaasa muslimaa hundaaf tokkummaa,  Waan gaarii gochuu, waaliif gadduufi eebba akka fidu hawwii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015