Qabeenya Afriikaa misoomsuun lammiishee hiyyuma jalaa baasuuf gamtoominaa waloo fi yaalii hundakeenyaa gaafata- Ministira maallaqaa obbo Ahimad Shidee

213

Bitootessa 11/2015 (TOI) - Qabeenya Afriikaa misoomsuun lammiishee rakkinaa fi hiyyuma jalaa baasuuf gamtoominaa waloo fi yaalii hundakeenyaa gaafata jedhan  ministirri maallaqaa RDFI obbo Ahimad Shidee.

Eeggataan barreessaa muummee komishinii dinagdee Afriikaa Antooniyoo Peedroo gamasaaniin, Afriikaatti guddina dinagdee galmeessisuuf walitti hidhiinsa zoonii cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Yaa’iin ministiroota faayinaansii, dinagdee fi pilaaniikomishinii dinagdee Afriikaa 55ffaa Finfinneetti taa’amaa jira,.

Ministirri maallaqaa RDFI obbi Ahimad Shidee Itiyoophiyaa bakka bu’uun baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasisaniin, mudannoowwan uumamaa fi namtolchee guddina dinagdee Afriikaa jeequudhaan qormaata ta’aa dhufan kaasaniiru.

Weerarri kooviid-19, lolli Ruusiyaa fi Yuukireen fi jijjiiramni haala qilleensaa yeroo ammaa guddina dinagdee Afriikaarratti gufuu ta’uun lammiishee rakkoof saaxiluusaanii ibsaniiru.

Waan kana ta’eef rakkinoota Afriikaarratti dhiibbaa taasisaa jiran egereef hiikuu fi qabeenya Afriikaa misoomsuudhaan lammishee rakkoo fi hiyyuma jalaa baasuuf yaaliin waloo fi gamtoominni keenya dirqama ta’a jedhaniiru.

Guddinaa fi badhaadhina Afriikaa mirkaneessuuf qabeenyii fi filmaanni hedduun waan jiruuf waltaanee yoo hojjenne rakkoo fi hiyyuma keessaa bahuu nidandeenya jedhaniiru.

Faayinaansii misoomaaf barbaachisun of danda’uuf akkaataa galiin itti sassaabamu ammayyeessuu fi imaammata fooyyessuun nibarbaachisa jechuun ibsaniiru.

Misooma waaraa Afriikaaf dinagdee cimaa fi carraa hojii amansiisaa uumuurra darbee cehumsa caasaa fiduun nibarbaachisa jedhan obbo Ahimad Shidee.

Itiyoophiyaan hojii fooyyessa dinagdee biyya keessaarratti hojjechaa jirtuu fi tarkaanfiiwwan jijjiiramaa dameelee biroorratti jalqabde ibsaniiru.

Eeggataan barreessaa muummee komishinii dinagdee Afriikaa Antooniyoo Peedroo gamasaaniin, Afriikaatti guddina dinagdee galmeessisuuf walitti hidhiinsa zoonii cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Guddina dinagdee Afriikaa milkeessuun kan danda’amu qabeenya ofii misoomsuun faayidaarra oolchuun wayita danda’amu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015