Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa jiru

Bitootessa 08/2015 (TOI) - Godina Harargee lixaatti biqiltuuwwan ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabaman miiliyoona 368 qophaa’aa akka jiran waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.

Itti aanaa ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Aliyyi Daadhii TOI’f akka ibsanitti, qophii amma ammaatti taasifameen biqiltuuwwan miiliyoona 368 ol qopheessuudhaan karoorarraa dhibbantaa 80 milkeessuun danda’ameera.

Qophiin biqiltuu kun gandoota 495 aanaalee godinichatti argaman 15 keessatti fi buufataalee biqiltuu mootummaatti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Godinichatti waggoota dheeraaf biqiltuu haaraa qopheessuu mannaa kan ture qofa fayyadamuun akka mul’atu itti gaafatamaa itti aanaa kun ibsaniiru.

Haala Kanaan godinicha aanaalee hedduu keessatti muka ciruu fi lafti duwwaatti hafuun mudatee akka ture yaadataniiru.

Kan darberraa barachuun sagantaan ‘ashaaraa magariisaa’ erga jalqabamee asitti ummata hirmaachisuun jijjiirama fiduun danda’ameera jedha.

Kaayoon olaanaa hojii misooma sululaa hirmaannaa ummataan hojjetame kun naannoo magariisa uffisuu ta’uu ibsaniiru.
 

Hojii misooma sululaa godinichatti hojjetameen lafa heektaara kuma 288 caalurratti hojiin misooma sululss hojjetameera jedhan.

Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran Maangoo, Avokaadoo, Giishxaa fi Temirii akkasumas mukoota misooma bosonaaf oolanii fi nyaanni loonii keessatti argamu.

Biqiltuuwwan waggoota darban gaarren muka malee hafanii fi lolaan haqaman irratti dhaabaman akka gaariitti qabachuusaanii ibsanii, iddoowwan bosonni deebi’etti bineensonni bosonaa deebi’aa akka jiran dubbataniiru.

Biqiltuuwwan Kanaan dura sagantaa ashaaraa magariisaatiin godinichatti dhaabaman keessaa dhibbantaan 88 qabachuusaanii mirkaneessaniiru.

Namoonni miiliyoona 1 ol biqiltuu dhaabuurratti kan hirmaatan yemmuu ta’u, sagantaan biqiltuu dhaabuu kun lafa heektaara kuma 200 irratti ni adeemsifama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015