Abbootiin qabeenyaa Jibutii zoonii daldala bilisaa Dirreedawaatti galanii akka hojjetan deeggarsi nitaasifamaaf-pirezidaantii mana maree daldalaa Jibutii - ENA Afaan Oromoo
Abbootiin qabeenyaa Jibutii zoonii daldala bilisaa Dirreedawaatti galanii akka hojjetan deeggarsi nitaasifamaaf-pirezidaantii mana maree daldalaa Jibutii
Guraandhala 7/2015(TOI)- Abbootiin qabeenyaa Jibutii zoonii daldala bilisaa Dirreedawaatti galanii akka hojjetan deeggarsi nitaasifamaaf-pirezidaantii mana maree daldalaa JibutiiYeesuuf Muusaa Dawaaleeh ibsan.
Jilli pirezidaantii mana maree daldalaa Jibutii Yeesuuf Muusaa Dawaaleehiin durfamu paarkiiwwan industirii Qilinxoo fi Boolee Lammii daawwateera.
Miseensonni jila kanaa daawwannaa walitti hidhiinsa daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa fi Jibutii caalaatti cimsuu fi beeksisuuf kaayyeffate Itiyoophiyaatti taasisaa jiru.
Itti aanaan hojii raawwachiisaa damee oppireeshinii korporeeshinii paarkiiwwan industirii Itiyoophiyaa ob. Shifarraawu Salamoon garee jilaa kana simataniiru.
Daawwannaa Kanaan hojiiwwan misoomaa paarkiiwwan industirii keessatti raawwatamanii fi sochii abbootii qabeenyaa daawwataniiru.
Industiriiwwan paarkii Itiyoophiyaa, carraa hojii uumuun, filmaatota invastimantii, jajjabeessituu abbootii qabeenyaaf taasifamanii fi cehumsa teeknooloojii irratti hojii hojjetaman daawwannaa kanarratti ibsi kennameeraaf.
Pirezidaantiin mana maree daldalaa Jibutii Yeesuuf Muusaa Dawaaleeh wayita kanatti abbootiin qabeenyaa Jibutii filmaata paarkiiwwan industirii Itiyoophiyaa keessa jiru fayyadamanii akka hojjetan kan jajjabeessudha jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Jibutii zoonii daldala bilisaa Dirreedawaa galanii akka hojjetan deeggarsii fi hordoffiin akka taasifamu pirezidaantiin mana maree daldalaa Jibutii ibsaniiru.
Itti aanaan hojii raawwachiisaa damee oppireeshinii korporeeshinii paarkiiwwan industirii Itiyoophiyaa ob. Shifarraawu Salamoon gamasaaniin, gareen jila kanaa paarkiiwwan industirii kana daawwachuunsaanii walitti hidhiinsa daldalaa fi invastimentii biyyoota lamaan jidduu jiru nicimsa jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Jibutii zoonii dalsala bilisaa Jibutiitti dhihootti ijaarame seenanii akka hojjetan kan kakaasudha jechuusaanii odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.