Qabeenya uumamaa eeguun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu qaba- pirezidaantiinaannoo Gaambeelleeobbo Umood Ujuluu

514

Guraandhala 4/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti kunuunsaa fi  itti fayyadama qabeenya uumamaa egeree fooyyessuun qonna ammayyeessuuf hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu pirezidaantiin naannichaa ob. Umood Ujuluu hubachiisan.

Misoomni sululss baatiiwwan bonaa godinichaa godina Sablammii Nuweer aanaa Makkootyitti har’a ifatti jalqabameeera.

Pirezidaant Umood wayita kanatti akka jedhanitti, Kunuunsaa fi itti fayyadama lafa, bishaanii fi qabeenya bosonaa naannichaa fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hundi qindoomee ciminaan hojjechuu qaba.

Hojiiwwan kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa waggoota darban hojjetamaniin rakkoo lafti qullaatti hafuu fi manca’a bosonaa gama ittisuutiin hojiileenjajjabeessoo hojjetamuu dubbataniiru.

Kanaaf lafa qullaatti hafe gara duriitti deebisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin misooma sululaa cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Milkaa’ina hojiiwwan sululaa baatii bonaa jalqabame kanaaf qaamoleen hooggansaa sadarkaa hundarra jiran kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Bulchaan godina sablammii Nuweer ob. Boot Teer gamasaaniin hojiilee misooma sululaa cimsuun hojiin wabii nyaataa mirkaneessuu hojii ijoo qaamolee qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Hijiin misooma sululaa baranaa sadarkaa naannootti aanaa keenya aanaa Makkooyitti jalqabamuusaatiin gammachuu qaban ibsanii bu’aqabeessummaasaatiif ummata qindeessanii akka hojjetan ibsaniiru.

Baatii bonaa baranaatiin sululoota 124 lafa heektaara kuma 60 olirratti hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti hojjechuuf karoorfamee gara boqonnaa hojiitti seenamuusaa kan ibsan ammoo itti gaafatamaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa ob. Ajaak Uchaalaa ti.

Hojiileen misooma sululaa kan adeemsifaman idilee fi pirojektootaag gargaaramuun ta’uu kan ibsan itti gaafatamaan kun kanaanis ummanni kuma 120 ol akka hirmaatu nieegama jedhaniir.

Sagantaan sosochii misooma sululaa guyyaa kana jalqabame baatii tokkoof akka turu Ob. Ajaak ibsaniiru.

Sagantaa jalqabsiisa misooma Sululaa irratti hooggantoonni olaanoo naannoo, godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015