Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa jira

568

Guraandhala 01/2015 (TOI) - Godina Arsii Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuun miiliyoona 200 qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti gaggeessaan garee qabeenya uumamaa fi eegumsa naannoo ob. Umar Ejeree TOItti akka himanitti, biqiltuun kunneen gogiinsa dandamachuu fi ciidha tursiisuun oomishtummaa kan dabalanidha.

Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 200 ol qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Godinichi bokkaa gannaa roobu kuusuuf daagaa, boollii fi hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii kanneen biroo hojjechaa akka jiru ibsanii, sagantaan biqiltuu dhaabuu baatii Eblaa irraa kaasee akka adeemsifamu eeraniiru.

Biqiltuuwwan qophaa’an xaa’ummaa lafaa kan dabalamanii fi nyaata looniif kan oolan sanyii addaddaa yoo ta’an, kunis hojiilee gogiinsa damdamachuuf hojjetamaa jiran keessaa isa tokkodha jedhaniiru.

Biqiltuuwwan kunneen qophaa’aa kan jiran buufataalee biqiltuu godinichatti argaman kuma 3 fi 225 fi qonnaan bultootaan akka ta’e ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan biyya keessaa kanneen akka Waddeessaa, gaattiraa, muka gurraachaa, birbirsaa fi  kanneen biroo qophaa’aa akka jiran beeksisaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaan waggaa darbe biqiltuuwwan dhaabbatan miiliyoona 146 keessaa kunuunsa taasifameen dhibbantaan 85 qabachuusaa ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuun ala tajaajilaaf amma oolanitti kunuunsi barbaachisaan akka taasifamudubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015