Ayyaana hundeeffama waggaa 91ffaa humna qilleesaa FDRI ilaalchisuun fiigichi daandiirraa Bishooftuu km. 10 kan lammaffaa gaggeeffamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana hundeeffama waggaa 91ffaa humna qilleesaa FDRI ilaalchisuun fiigichi daandiirraa Bishooftuu km. 10 kan lammaffaa gaggeeffamuu eegale
Sadaasa 20/2019(ENA)- Ayyaana hundeeffama waggaa 91ffaa humna qilleesaa FDRI ilaalchisuun fiigichi daandiirraa Bishooftuu km. 10 kan lammaffaa gaggeeffamuu eegaleera.
Ayyaanni hundeeffama humna qilleensaa wagga 91ffaan mata duree”injifannoo fi aarsaadhaan kan miidhage wabii samii Itiyoophiyaa” jedhuun kabajamaa jira.
Qaama kabaja ayyaana kanaa kan ta’e fiigichi daandiirraa Bishooftuu km.10 kan lammaffaa har’a magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamuu eegaleera.
Atileetota beekamoo 800 ol dabalatee kutaaleen hawaasaa kuma kudhanitti lakkaa’aman dorgommii kanarratti hirmaachaa jiru.
Humna qilleensaa FDRI fi Atileetikiin lachanuu kan biyyi itti boontu waltajjii tokkorratti walitti fiduun ispoortii jajjabeessuuf kan akeekame dorgommiin kun , warra mo’ataniif badhaasni guddaan qophaa’eeraaf.
Humni qilleensaa FDRI erga hundeeffamee eegalee birmadummaa biyyaa fi daangaa qilleensaa kabachiisuun gootummaa guddaa raawwateera.