Hojii ashaara magariisaa bara kanaan noomata kuma 314 carraan hojii umameera

68


Finfinnee, Hagayya, 26/ 2012 ( TOI)- Hojii ashaaraa magariisaa bara kanaan hojii dhabeeyyi kuma 314'f carraan hojii umamuu komishiiniin jijjiirama qillensaa fi bosona naannoo beekisise.

Komishinarri komishiinichaa Pirofeesaar Fiqaaduu Bayyanaa akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti, hojiin ashaaraa magariisaan hojjetamuu jijjiirama qilleensaa ittisu cinatti namoota hojii dhabeeyyii hedduufis carra hojii uumera jedhan.

Hojii ashaaraa magariisaa bara kana hojjetamen qofan namoota hojii dhabeeyyii kuma 314 oliif carraa hojii umeera jedhan Pirofeesar Fiqaadun.

Biqiltoota gannaa kana dhaabaman dargaggoonni kunuunsanis carraa hojii argachuu isaanis eeramera.

Dabalatan,Dhaabbileen adda addaa akkasumas namoonni dhuunfaan biltuwwan dhaaban kunuunsuuf namoota biqiltuu dhaaban kunuunsaniif kanfalanii hojjechisaa jiru.

Dargaggoonni haala kanaan hojii argatan kan Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbisees hojii kanarra fayyadamoo ta'uu isaani himaniru.

Gara fuula duratti immoo bakka itti biqiltuu biqilchanii gabaaf dhiheessan mootumman haala akka mijessuuf gafataniru.

Akka Pirofeesar Fiqaaduun jedhaniitti hojiin misooma magariisaa kun jijjiirama qilleensaa foyyessuu fi dargaggootaf carraa uumuu cinaatti ilalcha kununsa naannoof hawaasnii qabuus kan jijjirudha.

Hojii kana caalatti cimsuufi hirmannaa dargaggootas caalaatti gabbisuuf fuula duartti xiyyeffannoon kan hojjetamu ta'uus himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015