Haroo xaanaa aramaa imboc irraa baraaruuf fulbaana duulli ni eegalam

Finfinnee  Hagayya 09/2012(TOI)- Haroo Xaanaa balaa aramaa ‘Imbooc’ irraa oolchuuf ji’a Fulbaana irratti duulii akka gaggeefamu Ministiira Muummee Ittii Aanaan Obboo Dammaqaa Mokooniin ibsan.

Marii aramaa imbooc itti fufinsaan dhabamsiisuufi to’aachuuf karoora qophaa’ee irratti bakka itti aanaan Ministeera Muummee Obboo Dammaqaa Mokoniin argamanitti gaggeeffameera.

Karoorrii qophaa’ee kunis aramaa kan dhabamsiisuuf itti fufiinsan eegumsa naannoo fi bishaan irratti hojjechuun akka barbaachisuufi dabalatanis jireenya qonnaan bultoota naannichatti argaman fooyyessuun akka barbaachisu himame.

Aramaan Imboocci Itiyoophiyaa keessatti bara 1956 keessa akka mul'atee kan ibsan immoo Ministirri Bishaani,Jallisi fi Inarjii Dr. Injinar Silaashii Baqqalaati.

Aramaa kana balleessuun kan danda’amu karooran fi Tarsiimoon To'annoo ittisa aramaa Imbooc Haroo Xaanaa wixineeffames, tarkaanfiiwwan qindooman yoo fudhatame qofa akka ta’ee ibsame.

Dabalatanis biyya alaa irraa muuxannoo argameen aramaa kana faayidaa biraatiif oolchuuf hojjetamas jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015