Ambasaddar Biraanuu Tsaggaayee xalayaa muudama isaanii pirezedaantii Jibuutii Isma’il Omer Geeleef dhiheesan

134

Finfinnee Hagayya 7/2012(TOI)- Jibuutitti Ambasaddara Itoophiyaa guutuu ta’uun kan muudaman Ambasaddar Biraanuu Tsaggaayee xalayaa muudama isanii pirezedaantii biyattii Isma’il Omar Geelleef dhiheessan.

Ambasaddar Biraanuun hariiroo biyyoota lameenii yeroo dheeraa turee fi hariroo tarsiimawaa caalatti jabeesuuf akka hojjetan dubbatan.

Uummataafi motummaa jibuutii waliin walittidhiheenyaan akka hojjetanis ibsanif.

Pirezedaantiin Jibuutii Isma’il Umar Geellee mootummaan isaanii hariiroo hunda galeessa biyyoota lamanii daran cimsuuf akka hojjetu ibsan.

Hariiroon uummata amaanii fi mootummootaa gama hundaan akka fakkeenyatti kan ibsamuufi ambasadar Biraanuuf deeggrsa barbaachisu hunda akka taasisan kan himan ta’uu waajjirri dubbi himaa ministiteera  dhimma alaa itoophiyaa beksise.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015