Hawwata turizimii dagatamaniif haaraa misoomsuun gara hojiitti galchuuf hojjetaa jirra jedhe Miisteerri Aadaaf Turizimii

218

Finfinnee waxabajjii 22/2012(TOI)-Ministeerri Aadaaf Turizimii sektaroota isa jala jiran waliin ta’uun iddoowwan hawwata turizimii Haara Wanciitti sagantaa ashaaraa magariisan biqiltuu dhaaban.

 Sagntaa kana irratti kan argaman Ministirri Aadaaf Turizimii Dr Hiruut Kaasaw  hawwata turizimii dagatamanii fi haarawa misoomsuun bakka qubata turistootaa gochuuuf hojii eegaluu isaanii dubbatan.

Iddoowwan hawwata turizimi uumamaa kanneen akka Hara Wancii, Adaadii Maramii fi Hurka Bishaan Amboo misoomsuun daandii kana sarara qubata turizimii haarawa gochuuf xiyyeffannoon hojii egalle jedhan.

Daarektarri Inistitiyuutii Leenjii Hoteelaaf Turizimii obbo Gazahiny Abaatee inistitiyuuticha jalatti koree ashaaraa magariisaa hundeessuun marsaa jalqaabaan Malkaa Qunxurreetti biqiltuu kan dhaaban yoo ta’u guyyaa har’as iddoo hawwata turizimii hara Wanciitti biqiltuu dhaabu dubatu.

Hojii iddoo hawwataa kunuunsuu kanas cimsanii akka itti fufan dubbatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015