Godina Shawaa Lixaatti barsiisota 334f lafti mana irratti ijaarratan kennameef

113

Ambo Amajjii  23/2011 Gaaffiin lafa mana jireenyaa yeroo dheeraa barsiisonni kaasaa turan deebi’aa akka jiru waajjirri maanajimantii misooma lafa magaalaa godina Shawaa Lixaa beeksise.

Baatiiwwan jahan darban barsiisota 344f lafti mana jireenyaa irratti ijaarrata kennamuusaa waajjirichi ibseera.

Waajjira maanajimantii misooma lafa magaalaa godinichaatti abbaan adeemsa hojii lafa dabarsuu obbo Magarsaa Fayyeeraa tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka himanitti, waa’een mana jireenyaa barsiisotaa gaaffii bulchiinsa gaarii ta’ee tureera.

Rakkoo mana jireenyaa godinicha keessa jiru hiikuuf hojjettoota mootummaa dabaldtee jiraattota biroo fayyadamaa kan taasise iddoo manni jireenyaa itti ijaaramu kennuun kan jalqabame walakkaa waggaa kana keessatti.

Akka kanaan barsiisota waldaan ijaaraman 344f iddoon mana jireenyaa itti ijaarratan karee meetirri kuma 6 fi dhibba 880 kennameeraaf.

Lafti kun kan kenname magaalaawwan Ijaajjii, Geedoo, Shanan, Incinnii fi Ada’aa Bargaatti yoo ta’u, tokkon- tokkoon barsiisotaaf lafti karee meetira 200 kennamuusaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa gaaffii barsiisotaa guutummaatti deebisuu fi fedhii fi dhiheessii wal simsiisuuf hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Waajjirichi bara bajataa kanatti barsiisota kuma tokko caalaniif iddoo kennuuf hojjechaa akka jiru obbo Magarsaan beeksisaniiru.

Aanaa Iluu Galaanitti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Ijaajjii kan ta’an barsiisaa Shantamaa Tasfaahun yaada kennaniin, lafa mana jireenyaa irratti ijaarratan argachuunsaanii rakkoo manaa hiikuurra darbee hojiisaanii asgabbaa’anii akka hojjetan akka isaan gargaare dubbataniiru.

Yaada kan kennan kan biraan barsiisaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Shanan barsiisaa Nugusee Daraaraa waldaan ijaaramanii lafa argachuusaaniitti gammadaniiru.

Barsiisonni lafa mana jireenyaa hin arganne deebiin akka kennamuuf gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015