Ji’a Caamsaa dabarsine qofaatti Hidha haaroomsa guddichaaf birriin Miiliyoona 51 ol deeggarsaan funaanameera

59

Finfinnee ,Waxabajjii 4/2012 (TOI) –Ji’a Caamsaa dabarsine keessa hidha haaroomsa guddichaaf Biriin Miiliyoona 51 ol deeggarsaan walitti qabamuu beeksiise  waajjirri hirmaannaa uummataa biyaalleessaa.

Daayireektarri Komuunikeeshinii Waajjirichaa Obbo Haayiluu Abiraahaam TOI tiif akka ibsanitti Yeroo weerara COVID-19 kanattillee uummanni deeggarsa hidha haaroomsaa kanaaf taasiisu cimee itti fufuusaati.

 Weerarri Vaayirasii Koronaa hirmaannaa uummataa karoorfamee ture addaan kutullee ,Gurgurtaan Boondii fi karaa ergaa gabaabaa galii walitti qabuun akkuma itti fufettis jira jedhaniiru.

Pirojeektiin hidha haaroomsaa guddichi Piroojektii uummata Itiyoophiyaati kan jedhan Obbo Haayiluun ji’oottan sadan darban erga weerarri vaayirasii koronaa biyya keenya keessatti mul’atee kaasee birriin Miiliyoona 180 deegarsaan uummatarraa walitti qabamuu himaniiru.Kunis ji’a Bitooteessaa keessa birriin Miiliyoona 49 ol, ji’a Eblaa keessa Birriin Miiliyoona  79 ol deeggarsaan funaanameera.Akka Ibsa Daayireektara Komuunikeeshinii waajjirichaatti ji’a caamsaa dabarsina kana keessa qofaa birriin Miiliyoona 51 fi Kuma 870 ol deeggarsaan walitti qabameera.Kana keessaas birriin Miiliyoona 7.5 ol karaa ergaa gabaabaa 8100 irraa kan argamedhas jedhaniiru.

Uummanni deegarsa hidha haaroomsaaf godhu itti fufuun weerara vaayirasii koronaa irraas akka of eeggatu waamicha dabarsaniiru Obbo Haayiluun.

Walumaa galatti waggaa kana keessa hanga ji’a caamsaa xumuraatti birriin miiliyoona 657 gurgurtaa boondii,fi kennaan uummatarraa galiin walitti qabameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015