Namoonni 150 haaraan har’a Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabaman

64

Finfinnee,Caamsaa 27/2012 (TOI)- Itiyoophiyaa sa’aatiiwwan 24 darban keessatti Qorannoo Laaboraatoorii namoota 5141  irratti gaggeeffameen namoonni haaraan 150 vaayirasichi irratti argamuu Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaa beeksiise. Kunis Lakkoofsa namoota vaayirasii koronaan qabamanii Itiyoophiyaa keessatti 1,636 irraan ga’eera.

Namoota haaraa har’a Vaayirasichi irratti argame keessaa dhiira 94 fi dubartoota 56 yommuu ta’an Namoonni 147 Lammiilee Itiyoophiyaati. Kanneen hafan lamaan immoo sadii immoo lammiilee biyya alaatis jedhameera.

Namoonni har’a Vaayirasichaan qabaman Umriin isaani waggaa 3hanga 72 gidduu kan jiranidhas jedha Ibsi Ministira Fayyaa.

Namni dabalataa Tokko  immoo sababa vayirasichaan du'uu ibsichi eeree jira.Walumaa galatti hanga ammaa namoonni 18 vayirasichaan du'anii jiru.Namni har’a dhibee vaayirasii kanaan lubbuun darbe kan Umrii 30 yommuu ta’u Hospitaala Eekkaa Kotobeetti kutaa yaala addaa kan turee fi dhukkuba biraan kanaan dura dhukkubsachaa turuun isaas beekameera.

Namoota har’a Vaayirasiin koronaa irratti argame keessaa namoonni 123 jiraattoota magaalaa finfinnee,namni 1 naannoo Affar,namoonni 2 naannoo Oromiyaarraa,,namoonni 13 naannoo Amaaraarraa ,namoonni 6 naannoo Somaalee fi namoonni 3 immoo naannoo sabaa fi sab-lammoota Uuummattoota Kibbaarraaati.

Karaa biraatiin immoo namoonni 4 haaraan dhibee kanarraa dandamachuun Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsa namoota dhibee kanarraa dandamatanii 250 irraan ga’eera.

Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa namoonni 16 dhibichi itti cimuun kutaa yaalii addaa kan jiran yommuu ta’u yeroo ammaa namoonni 1,366 vaayirasii koronaatiin qabamuun yaalamaa kan jiranidha.
Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan laaboraatoorii namoota 125,570 f taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015