Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee Hambaa Addunyaatti Dhaabbataadhaan Galmeessisuuf Galmeessisuuf Kanneen Qaamni Ilaalu Ga’eesaanii Akka Ba’an Gaafatame

288

Gobbaa Amajjii 21/2011 Paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee dhaabbataadhaan hambaa addunyaatti galmeessisuuf qaamonni dhimmi ilaalu ga’eesaanii akka ba’an abbaan taayitaa misoomaa fi eegumsa bineensota bosonaa Itoophiyaa gaafate.

Waltajjiin sosochii qaamonni dhimmi ilaalu itti hirmaatan Baalee Gobbaatti adeemsifamuu jalqabeera.

Itti aanaan daayirakteraa abbaa taayitichaa obbo Salamoon Mokonnon waltajjicharratti akka ibsanitti, Paarkicha mootummoota wal ta’aniitti dhaabbata barnootaa, Saayinsii fi aadaa(Yuuneeskootti) dhaabbataadhaan galmeessisuuf yaalii taasifamu si’achiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaalu waan isaanirraa barbaadamu raawwachuu qabu.

Qaamoleen dhimmi ilaalu jiraatonni naannawa kanaa jireenya isaanii paarkicha keessatti waan hundeeffataniif bineensonni hoosisan, sinbirroowwanii fi sanyiiwwan biqiltuuwwanii irratti miidhaan ga’aa jiru hambisuuf iti gaafatamasaanii akka ba’an gaafataniiru.

Bulchaan godina Baalee obbo Ibraahiim Haajii gamasaaniitiin, qaamoleen dhimmi ilaalu bineensota bosonaa paarkicha keessatti argaman dabalatee lubbu qabeeyyii eeguu fi misoomsuuf yaalii taasifamuuf qaamoleen hundi ga’eesaanii akka ba’an hubachiisaniiru.

Goninichi paarkii kana hambaa addunyaatti galmeessisuuf yaalii taasifamu keessatti qaamoleen  bulchiinsaa sadarkaadhaan jiran qindeessuudhaan itti gaafatamasaa ni ba’a jedhaniiru.

Waltajjii kanarratti hooggantoonni olaanoo naannolee fi federaalaa dabalatee bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa hirmaachaa jiru.

Paarkiin biyyoolessaa gaarreewwan Baalee akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2009 galmee mootummoota wal ta’aniitti dhaabbata barnootaa, Saayinsii fi aadaa(Yuuneeskootti) yeroodhaaf galmaa’ee ture.

Paarkiin naannoo Oromiyaa keessatti argamu kun bara 1962 kan hundeeffame yoo ta’u, Finfinnee irraa kiiloo meetira 400 irratti argama.

Bal’inni walii gala paarkichaa  kiiloo meetira kuma 2 fi dhibba 2 akka ta’e ragaaleen ni agarsiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015