Hidhni Haaromsaa Ajandaa Lammii Itoophiyaa Hundaati-Ministeera Dhimma Alaa Gadduu Andargaachoo

92

Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI) - Hidhni Haaromsaa ajandaa uummata Itoophiyaa hundaati jedhan Ministirri Dhima Alaa Obbo Gadduu Andargaachoo

Obbo Gadduun ibsa Mana Maree Waliinii Partilee Morkattootaaf dhimma Hidha Haaromsaa ilalchisuun taasisaniin hidhicha ilalchisee hojii dipilomaasii hojjetamaa jiru ibsaniiru.

Itoophiyaan ijarsa hidhichaan dura hojii dipilomaasii egalte kan jedhan Obbo Gadduun ammas hojiii kana cimsitee itti fuftee jirti jedhan. 

Qabeenya Uumamaa keenya karaa haqaa qabeessa fi sababa quubsaan fayyadamuuf eyyama nama kamiituu gaafachuun hin barbaachisu, hidha kanaan nama kamuu miidhuu akka hin barbaanne hawasa adunyaa hubachiisaa jirra jedhan.

 Ministeerri Bishan Jallisii fi Elektirikaa Dr.Injinar Silashii Baqqalaa sadarkaa teknikaa ijarsichi irra jiru ibsanii jiru.

 Walitti Qabaan Mana Mare Waliinii Paartilee Siyaasaa obbo Muusaa Aadam paartileen siyaasaa tokkummaa ijarsa hidha kana irratti qabnu yeroon itti agarsiifnu amma jedhan.

Yeroo kanatti birmadummaa biyyaan alatti dhimmi dursa argatu hin jiru ka jedhan obbo Muussan lammiin hundi dhiibbaa alaa dhufu waliin ittisuu qaba jedhan.

Marii kana  Mana Mare Waliiniii paartilee Morkattotaa fi Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsaatu waliin qopheesse.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015