Itoophiyaatti namoota dabalataa 88 irratti vaayirasiin koronaa argame

68

Finfinnee, Caamsaa 16/2012(TOI)- Qorannaa sa’aatii 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 88 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 582 gahee jira.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaanii waggaa 8 hanga 75 yoo ta’an, dhiira 51 fi dubartoota 37 dha.

Namoonni 13 seenaa imala alaa kanneen qaban yoo ta’u namoonni 55 immoo imala alaas ta’ee tuttuqaa hin qabani jedhame. Namoonni tuttuqqi qaban immoo 20 ta'uu ibsi ministeerichi hari'a baasen ni muli'isa .

Namoonni 73 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,namoonni 8 ammoo naannoo Tigraay,namoonni 4 naannoo Oromiyaa yoo ta’an, 2 seenaa imaala kan qabnii fi 2 ammoo seenaa imalaa alaa kan hin qabneedha.

Namoonni kunneenis jiraattoota magaloota Amboo, Buraayyu, Sandaafaa fi Mojoodha.

namni 1 naannoo Haraariiti.

Namoonni 2 Konkolaachiftoota daangaa ce’aanidha.

Namni haaraan 1 dhibicharraa kan dandamatan yoota'u, waliigala namoonni vaayrasicharra dandamatan 152 gahee jira.

Ityoophiyaatti waliigalan namoota 81,010 ta’aniif qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015