Itoophiyaan Bishaan Hidha Laga Abbayyaa Yeroo Qabameefitti Guutuu Eegaluun Murtee Sirridha

213

Finfinnee caamsaa 16/2012(TOI)- Itoophiyaan Hidha Haromsaa yeroo qabameef keessatti guutuu eegaluun murtee sirrii ta’uu Paartileen Siyasaa himan.

Lagni Abbayyaa qabeenya lafa Itoophiyaa keessaa maddu wan ta’eef eyyama nama kamiituu malee bilisummaan itti fayyadamuu qabdis jedhan.

Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Oromoo Obboo Qajeelaa Mardaasaa fi Dura Taa’aan Paartii Andinnat,Lafith fi Dimokiraasii Obbo Tigistuu Awwaluu dhimma hidhichaa irratti TOI waliin turtii taasisaanii jiru.

Anga’oonni siyaasaa kunneen Ijipti Laga  Abbayyaatti caalaan fayyadamuu malee bishaan jiru dhaabna yaada jedhu hin qabanii jedhan.

Akka obbo Qajeelaan jedhanitti Ijiptiin pirojektoota Bishaan Laga Abayaa irratti asiin dura hojjetaniin ala ammas industirii, qonna makanaayizeeshinii,fi kanneen biroo hojjetaa jiru jedhan.

Ijipti Itoophiyaan Hidha kana yoo ijaarte ni miidhamna sodaan jedhu keessa isaanii waan jiruuf adunyaan dhiibbaa akka godhu hojjetaa jirti jedhan.

Gama Itoophiyaatiin  hidha kana irratti qixa fayyadamuu malee Ijipti miidhuuf kaayyoo hin qabdus jedhan.

Dura taa’aan Paartii  Andinat lafit fi La Dimokiraasii obbo Tigistuu Awwaluu gama isaaniin Hidha Haaromsaa irratti wanti hojjetamu kamuu fala Afrikaatu  barbaachisa jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa Hidha Haaromsaa kan irratti itti gafatamummaa ishee bahaa jiraachuu ibsuun yeroo kamuu caalaa biyyoota yaa’a Laga Abbayyaa waliin hojii dipilomaasii cimsuu qabdi jedhan.

Hidhni Haromsa Itoophiyaan lammiilee isheetiin ijaaraa jirtu kun birmadummaa ishee kan ittiin kabachiistu waan ta’eef ejjannoo ishee kanaan cichuu qabdi jedhan obbo Qajeelaan.

Itoophiyaan ganna dhufu bishaan hidha kanaa guutuu eegaluuf qophaa'uu ishee bu’uureffachuun Ijipti Dhiibbaa uumuuf socho’uun ishee fudhatama hin qabu jedhan.

Ijipti dhiibbaa uumuu malti jechuun bishaan guutuuf karoorfatte irraa  gara boodaa jechuun fudhatama hin qabu jedhan.

Hidhni Haaromsaa hirmaannaa uummataan ijaaramaa jiru kun ji’a Adoolessaa 2012 bishaan guutuu eegalti. Ijaarsi hidhichaa harka 73 irra gahee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015