Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad baqattoota Sooriyaa daawwatan.

183

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.  Abiyyi Ahimad baqattoota Sooriyaa daawwatan.

Caamsaa 14/2012 (TOI) - Xumuramuu sooma Ramadaanatiin dura Iida gaarii hawwuuf baqattoota Sooriyaa daawwachuu isaanii Dr.Abiyyi beeksisaniiru.

Dooktar Abiy Sooriyaanonni kanneen walwaraansa hamaa  biyya isaanii baqachuun, Itiyoophiyaa da'annaa taasifachuu isaanii eeruun, baqattoonni kanneen xumura Ramadaanaa kabajaan dabarsuutu irra jiraatas jedhaniiru.

Itiyoophiyaan lakkoofsa baqattootaa olaanaa simattee keessummeessaa jiraachuun ishee ni beekama.

Namoota jireenyii fi biyyi isaanii waraanan miidhamaniif Itiyoophiyaan da'annaa ni laattis jedhan muummee ministiraa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015