Sababa Weerara Kooviid-19n Tuuristoota Biyya Galan Irraa Galiin Doolaara Biiliyoona 1 Dhabame

69

Finfinnee Caamsaa 12/2012 (TOI) – Sababa weerara Kooviid-19n tuuristoota biyya galan irraa galiin doolaarri biiliyoona tokko hir’achuusaa waldaan dhaabbata daawwachiisaa Itiyoophiyaa beeksise.

Haala kanaan ummattoota damee kanaan socho’an keessaa dhibbantaa 80-90 kan ta’an rakkoof saaxilamuusaa pirezidaantiin waldaa daawwachiisaa Itiyoophiyaa adde Andinnat Fallaqaa TOItti himaniiru.

Weerarri koronaa biyya keessa galuunsaa erga mirkanaa’ee Bitootessa 4/2012 egalee amma Waxabajjii 2012tti daawwattoonni kuma 300 amma kuma 400 karaa addaddaa biyya keenya akka dhufan ni eegama ture.

Weerarichi uumamuusaatiin imaltoonni imalasaanii haquun, tuurizimiin hafuusaatiin galiin biiliyoona 1 akka dhabame Adde Andinnat ibsaniiru.

Dhiibbaa damee kanarra ga’uusaatiin mootummaan liqaa hojii gaggeessuuf oolu dhala xiqqaadhaan mijeessuun dameen kun amma tokko akka bayyanatu ni gargaara jedhaniiru.

Weerarri ku ammam akka turu waan hinbeekamneef damichi kana caalaa akka hin miidhamnee fi dhiibbaa qaqqabuu danda’u dhimmoota deeggarsa barbaadan biroofis deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Akka biyyaatti kooviid-19 tuurizimii fi tajaajiloota kanaan wal qabatan biroorratti dhiibbaa guddaa akka geessise kan himan ammoo daarektara komunikeeshinii Tuurizim Itiyoophiyaa obbo Fitsum Kaasahuuni.

Keessumaa tajaajila geejjibaa, dhaabbilee daawwachiisan, hoteelaa fi reestoraantota, paarkota , golambaa fi dameelee walfakkaatanirratti dhiibbaa cimaa waan uumeef mootummaanis galii argachuu qabu akka hin arganne taasiseera.

Kanaaf dameen kun caalaatti akka hin miidhamnee fi bayyanachiisuuf mootummaan taaksii eeggacuufii irraa kaasee qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’ee tarsiimoo bayyanachiisaa qophaa’uusaa ibsaniiru.

Tarsiimoon kun muuxannoowwan biyya keessaa fi idil addunyaa kan ofkeessatti qabatee fi hayyoota addaddaa kan hirmaachise waan ta’eef hojiitti seenaa akka jiru eeraniiru.

Bara bajataa darbe tuuristoota biyya alaa Itiyoophiyaa daawwata kuma 849 caalanirraa galiin doolaara biiliyoona 3 tuqaa 1 akka argame odeeffannoon ministeera aadaa fi tuurizimiirraa argame ni hubachiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015