Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaa, Sudaanii Fi Gibxi Pirojektii Hidha Abbayyaarratti Waliigalteerra Akka Ga’an Hubachiise

95

Finfinnee Caamsaa 12/2012 (TOI) - Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibxi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa  irratti walii galchuuf yaalii akka itti fufan akka jajjabeessan barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez beeksisan.

Marii fayyadamummaa biyyoota sadanii guddisuuf taasifamuun fooyyeen taasifamaa akka jiru dubbi himaan barreessaa olaanaa kaleessa beeksisaniiru.

Qajeelfamoota misoomaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa, wal ta’iinsa waliigaltee waliinii, faayidaa waliinii, amantaa gaarii, hunda kan fayyaduu fi barbaachisummaa waliigalteewwan bu’uraa idil addunyaa irratti xiyyeeffachuun barreessaan olaanaa cimsanii akka kaasan odu himaan kun dubbachuusaanii weebsaayitiin dhaabbatichaa barreesseera.

Qajeelfamoota kanneenirratti hundaa’uun waliigalteetti akka dhufan akka jajjabeessan dabaluun ibsaniiru.

Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhibbantaa 73 ol kan ga’e yoo ta’u, baatii Adoolessaa dhufuu kaasee bishaan kuusuu akka jalqabu ibsamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015