Magaalaa Finfinneetti Bakkeenwwan Mootummaanis Ta’e Dhuunfaa Qabamanii Hinmisoomii Ni Qotamu--- Injiinar Taakkalaa

57

Finfinnee Caamsaa 7/2012 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan mootummaanis ta’e dhuunfaan qabamanii duwwaa jiran qotamanii misooma qonnaaf akka oolan kantiibaa itti aanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa uumaa dubbatan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaa magaalaa kan deeggaran paampii bishaanii 200 fi tiraaktaroota 5 qonnaan bultoota kutaalee magaalaa 5 keessatti argamaniif gumaacheera.

Injiinar Taakkalaa wayita kana akka jedhanitti, sababa weerara vaayirasii koronaa(kooviid-19)n hanqina hanqina oomishaa bara kana mudachuu danda’u guutuuf hojiiwwan addaddaa ni hojjetamu.

“Haala Kanaan iddoowwan duwwaa dalleeffamanii jiran misooma qonnaa magaalaaf akka oolan ni taasifama” jedhaniiru.

Miidhaa magaalaa Finfinneetti qaala’insa jireenyaatii qaqqabu to’achuu fi gatii madaalawaan oomisha dhiheessuuf iddoo shanitti jiddu galeessonni gabaa ijaaramaa akka jiran eeraniiru.

Kunis “qonnaan bultoonni oomishasaanii gatii gaariin akka gurguratan, jiraattonnis gatii madaalawaan akka shamatan ni dandeessisa” jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni magaalaa Finfinnee paampiin bishaanii kennameef meehaa kana walii ergisuudhaan oomisha fooyya’aa oomishuuf akka hojjetan dhaamsa dabarsaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Komishinarri komishinii qonnaan bultootaa fi qonnaa magaalaa adde Fatiyaa Mahaammad gamasaaniitiin,”qonnaa magaalaa ammayyeessuudhaan fedhii nyaataa jiraattota dhibbantaa 25 guutuuf hojjetamaa jira” jedhaniiru.

“ Kanaan dura misoomni magaalaa wayita adeemsifamu qonnaan bulaa ofkeessatti hin qabatu” kan jedhan adde Fatiyaan, hojiin misoomaa qonnaan bulaa hirmaachisuun akka adeemsifamu ibsaniiru.

Qonnaan bultoota kuma shanii oliif liqiin akka mijaa’ee fi qonnaan bultoota hiyyuma cimaa keessa jiran kuma 1 fi 655f baatii baatiidhaan deeggarsi nyaataa taasifamaafii akka jiru ibsaniiru.

Qonnaan bultoota magaalaaf teekinooloojii fi galteen qonnaa dhihaachaafii akka jiru dubbatanii, fuulduras deeggarsoonni oomishtummaa guddisan akka taasifaman eeraniiru.

Qonnaan bultoonni deeggarsi paampii taasifameef deeggarsa taasifameef bulchiinsa magaalaa galateeffataniiru.

Qonnaan bultoonni guddina magaalaa wajjin akka guddatan taasisuuf hojii bulchiinsi magaalaa hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Paampiin bishaanii kennameef caalaatti akka misoomsan akka isaan taasisu qonnaan bultoonni dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015