Vaayirasiin Koronaa Dabalataan Namoota 15 Irratti Argame

58

Caamsaa 7/2012 (TOI) - Sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatoorii 3707 taasifameen vaayirasiin koronaa dabalataan namoota 15 irratti argamuusaa ministirri fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Haala Kanaan amma ammaatti Itiyoophiyaatti namoonni vaayirasiin koronaa irratti argame 287 ga’aniiru.

Namoonni vaayirasiin kun irratti argame hundi dhiira yemmuu ta’an, umuriinsaanii 17-38 akka ta’es beekameera.

Kanneen keessaa saddet Finfinnee, lama Beeniishaangul Gumuz, tokko Affaar, tokko naannoo Amaaraa Matammaa, namoonni sadii ammoo naannoo Somaalee Jigjigaa bakka addaan baasuun tursan irraa akka ta’e ministirri fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Gama biraatiin namoonni afur dhibee kanarraa kan bayyanatan yemmuu ta’u, namoonni bayyanatan waliigala 112 ga’eera.

Namoonni dhibeen kun irratti argamee adda baafamanii yaalamaa jiran walii gala 168 ta’uusaanii Dr. Liyaan ibsaniiru.

Tatamsa’inni vaayirasii kanaa dabaluusaa hubachuudhaan hawaasni ofeeggannoo akka cimsu ministeerri fayyaa fi Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa hubachiisaniiru.

Amma ammaatti waliigala qorannoon laaboraatoorii kuma 48 985 taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015